Missions
Kube Generation’s School will be an Oromia at it is very best. We will invent the future by learning today and leading tomorrow. We will bring students from diverse backgrounds perspectives and experiences to create the richest learning community and exceptional academic opportunities which will promote individual talents and maximize each student’s potential by making each student learn every day. We are dedicated to continuing the tradition of excellence in an ever-changing world. With a safe and supportive environment, we provide relatively high-quality education and prepare our diverse student body for future endeavors. We honor achievement and promote pride in ourselves, in our school, and in our community.

Vision Statement
Kube Generation’s School will be the national model in college preparatory education in Oromia, Ethiopia, and beyond. Inactive partnership with families and the community, we will foster personal development, intellectual growth, and prepare each student to contribute and succeed as a productive and responsible global citizen. We will do this by providing a welcoming happy, safe, and supportive learning environment in which everyone is equal, and all achievements are celebrated. We empower our students to acquire, demonstrate, articulate, and value knowledge and skills that will support them as a lifelong learner to participate in and contribute to the global community and practice the core values of our school

Related Post

Med-high lightMed-high light

     Drug Name, Classes and indications

Watch “Solutions: Crash Course Chemistry #27” on YouTubeWatch “Solutions: Crash Course Chemistry #27” on YouTube

About Us/Waa’ee KeenyaAbout Us/Waa’ee Keenya

Itti Bahiinsa Keenya/Our Missiom
Manni barnoota dhaloota qubee mana barnoota Oromiyaa keessatti isa baay’ee filatamaa nit aha. Fuldura keenya ifa goona hardha barachuu fi barsiisuudhaan boru bulchuudhaan. Nuti baratoota ilaalchaa fi muuxannoo garagaraa qabaan iddoo tokkootti waliitti finnee hawaasa barnootaan badhaadhee fi carraa barnootaatiin kan adda tahe kan barataa kamiyyuu looggii malee barnootaa fi oggummaa barsiisuun akkasuma ciminaa fi muxannoo isaanii cimsuun jireenya isaanii kan gamafulduraa fi carraa argame hunda keessaati ofitti amanamumman akka dorgomaa tahanii fi kaawaan ni goona. Diinaagdee, siyaasa, saayinsii fi teknooloojjii addunyaa irraatti yero ammaa atatamaan jijjiiramaa jirtuu tana keessati barnoota qulqulluu fi ammayyaa tahee furmaata waan hundaa waan taheef dhalootni qubeedhaa qe’uma ofii itti dhalataniitti barnoota argachuun fayyadamaa akka tahaan ni goona. Iddoo nagaha tahee fi deegarsa barnootaan utubameetti barnoota barnoota qulqulluu fi ammayyaa halaa ijjoollee harkisuun ni kanina. Milkaa’ina ykn injifannoof bakka guddaa kenina ykn ni kabajna, akkasuma maqaa gaarii ofitti, mana barnoota keenyaatti, ummataa fi biyyi keenyaatti ni goona.

Muldhata keenya/Our Vision
Manni barnoota dhaloota qubee dhaaa mana barnoota of duraaf akka biyyaatiitti fakkeenya tahuu dha akkasuma mana barnoota ijjooleen Koollejjii fi Yuniversiitii garagaraaf itti qophooftuudha. Hariiroo cimaa maatii baratootaa fi Ummata keenya wajjiin uuumuudhaan ijjoolleen qaamaa fi sammuudhaan bilchaattee barnootaa fi oggummaa garagaraan akka guddatu godduudha. Barataan kamiyyuu barnoota isaattiin milkaawaa tahee naamusaa fi amala gaariin guddatee lammii bu’a qabeessaa fi itti gaafatamummaa qabu kan ofii isaa, ummaataa fi biyyi isaafis tahu ni uumna. Qe’ee barnootaa tan nama simmattu, nagaha taate, fi barnootaaf mijjatte tan barataan kamiyyuu keessatti walqixaa akkasuma tan milkaawinni baraataa kamiyyuu keessati ayyaanneefamu uumuudha. Nuti baratoota keenya ni aangoomsiina akka isaan barnoota fudhataa, hojjiitii hiikaan, fi amna barnoota gama fulduraa keessattiis akka injifatoo tahaan. Hunda caalaa barnootni hardha isaan barataan akka fuldura kollejjii fi Yuniversiitiitti barataaniif akka bu,ura tahuu fi akka wal utubu akkasuma baratooni mana barnoota dhaloota qubeetti barataan iddoo deemaan hundaatti milkaawanii ummataa fi mana baruumsichaas maqaa gaarii akka itti godhaan abdii qabna.

Kaayyoo keenya/Our goal’s
Kaaayyoon keenya inni bu’uraa baratoota keenya qajeelchuu fi barnootaan sooruudha. Barataan kamiyyuu barnoota qulqulluu fi ogummaa barbaachisaa tahe tan isaan, maatii isaani, ummataa fi biyyi isaanii fayyadu akkasuma addunyaa irrattis dorgomaa tana isaan taasiistu barachuu qaba.
1. Naannoo qaamaanii fi aadaadhaaniis ilaalcha gaarii fi bu’a qabeessa taate barnootaaf tan taatu mirkanneessu.
2. Ciminaan barnoota barsiisuu fi barachuu of duraatti tarkaan fachiisuu
3. Baratoota barnoota baratanii qabxii ol’aanaa fidaan heddumeessuudhaan mana barnoota dhaloota qubee mana barnoota qabxii “A” taasisuu.
4. Daa’immaan guutuu tahe guddisuu barataan kamiyyuu hayyuu, hogganaa fi miseensa hawaasa biyyaa keenyaa kan fuulduraa akka tahe hubachuudhaan.
5. Aadaa walii wajjiin tahaanii wal irraa baruu fi barnota cimsuu akkasuma naannoo jijjiiramaa fi oggumaa itti barataan uumuudha.

Falaasama Keenya/Our Philoosophy
Nuti kan amannu baratooni naannoo sirrii taheetti milkahina hedduu ni fidu akkasuma hawwii isaanii galmaan gahu. Manni barnoota dhaloota qubeedhaa daree tokko keessaatti baratoota lakkoofsaan muraasa tahan fi haala nama hawwatuun barnoota kenna. Barsiisootni huduu sadarkaa barsiisuudhaa haalaan kan guutanii fi muuxannoo baratoota wajjiin dalaguu kan qabaniidha. Nuti ni hubanna baratoonni kamiyuu barnootni ni galuuf garuu baratootni tokko tokko karaa adda taheen baratu. Nuti adeemsa sammuu hunda hammatee fi barataa hundaa barsiisuu danda’u hordofna akka baratootni hunduu baratanii akkasuma sirritti hubataniif. Maatiin, barsiisaan fi barataan walii wajjiin tahee hojjechuu qaba kunis akka baratootni kaayyoo barnootaa fi hawaassumaa keessattis injifataan.

Safuu ijoo/Core value
1. Kakaasuu: nuti barsiisoota dandeettii adda tahe qabaan kan baratoota wajjiin dalaguudhaaf gahuumsa qabaan qaaxarra.
2. Wal-kabajuu: nuti naannoo nagahaa tahe kan walkabajuun jiraatu uumuutti amanna.
3. Walii-wajjiin dalaguu: nuti kana amannu qama dhimmi ilaalu hunda wajjiin harirroo uumuu fi cimsuun barbaachisaa akka taheedha.
4. Hayyummaa: hiikkaa cimina sammuu fi beekumsaa kan oggumaa fi muxannoo wajjiin dhufu waan gariidhaan dalaguu fi yaaduu cimsineet deegarra.
5. Baldhisanii yaaduu: walii keenya gidduutti garaa waliif laafuu, wal hammachuu fi waliif yaaduun ni eegna
6. Firii ol-aanaa tahe eeguu: barnoota ciminaa fi sadarkaan qulqulina isaa eegame cimsuun milkaa’ina bartaa fi itti fufiinsa barnootaisaanii gama fuulduraaf baay’ee gargaara.
7. Itii gaafatammummaa: nuti baratoota aangoomsuu fi kakaasuu itti amanna akka isaan gama fulduraaf of irraatti hundaawanii baratanii fi itti gaafatamuummaa barnoota isaanii harka’isaniitti galfataniif.
8. Madaalawaa: barnootaa madaalawaa kan qajeelfama biiroo barnoota Oromiyaa fi ministeera barnootaan qophaawe kennuutti ni amanna.
9. Boonsa: miraa fi hojjii nama boonsu Ummata keenyaa fi mana barnoota dhaloota qubee kessaatti ni dhaabna.

Maaliif Mana Barnoota Dhaloota Kubee Filachuun Barbaachise?

 Barnoota cimsee barsiisuu dhaaf dheboota.
 Baay’inni baratoota daree tokko kessatti baratanii baay’ee xiqoodha.
 Idoo nagahaa, nama hammattu fi barnootni itti nama galu.
 Adeemsa barnootni barataa hundaaf itti galu hordoofna.
 Barsiisootni hundi oggummaa adda tahee fi barsiisuutiin leenji’an.
 Barnootni jabeenya qaamaa guyyarraa kennama.
 Baratootni hojjii tola ooltummaa gara garaa keessatti ni hirmaatu adeemsa barnootaa fi hawaassummaa qabsiifamee.
 Barsiisootni baratoota gosa oggummaa maal fuldura baratootni akka baratan karaarra kaahu.
 Barsiisaa, maatii fi baratootni wajjiin dalagu akka baratootni injifannoo caalaa galmeessu.