About

Who we are?

The Kube Generation School is a private, accredited, and independent institution that currently provides academic teaching and learning from Pre-K to elementary school level in Oromia. The purpose of our education programs of Kube Generation School is to fill the critical educational gap in Oromia and provide educational institutions which will help the child, parent, and community. In the future, we are planning to continue providing a tradition of excellence in teaching, learning, and research from Pre-K to college, and university-level education. Know we have two branches in Oromia including our first school built in Daro Labu Milkae and new branches opened in Hawwi Gudina. We are growing every year as the population and demands of our people to access real education and change increase. Hopefully, next year we plan to open more branches in Oromia to deliver affordable and quality education which will help to solve the current issues of affordability, accessibility, and quality of education in our country. We are committed to excelling and empowering Kube Generations and our people through modern academic service and teaching by Afan Oromo and English. We will be enabled by various kinds of resources, Virtual libraries, online teaching, and other technology to make sure our students have learned, understand, and apply the materials they learn. We are dedicated to teaching and learning to cultivate our future generation who are the most educated, competent, confident, and knowledgeable about the world, their traditions, their histories, aware about diversities, and put their national interest beyond their own’s to serve the family, community, and country by their knowledge and skills. As a college preparatory institution, our school offers a strong base on the core subject and utilizes both interdisciplinary and cross-curricular learning. We heavily emphasize problem-solving, critical thinking, and character development. Kube Generation’s school provides students with a rigorous and stimulating environment in which to grow and thrive.

Eenyu Nuti?

Manni barnoota dhaloota qubee, mana barnoota dhunfaa, kan seeraan galmaawee, loogii kamiyyuu irraa bilissa kan tahee fi barnoota oolmaa daa’imaanii kaasee hanga sadarkaa tokkoffaati Oromiyaa kessaatu kennaa kan jiruudha. Kaayyoon mana barnootaa keenyaa Oromiyaa keessaatti hanqinaa barnootaa fi qulqullina gama barnootaan jiruu fooyyeessuudha. Gama fuulduraatti kaayyoon keenya aadaa barnoota qulqulluu fi ammayyaa tahe barsiisuu fi qorrannoo gara garaa barnoota fi qulqullina barnootaa foyyeessuun walqabatu sadarkaa oolmaa daa’immannii kaasee hanga Yuniversiitiitti godhamu cimsinee hojjechuun biyya keenya barnootaa fi qaroomaan ceesisuudha. Hanga ammaatti manni barnoota dhaloota qubee campaasii lama qaba. Isaaniis Aaanaa Daroo Labuu Magaalaa Milqaayeetti Kan ijjaaramee fi Aanaa Hawwii guddinaatti dame banameedha. Manni barnoota dhaloota qubee wagga waggaan dabalaat deema hanga hanqinni fi rakkoon mana barnootaa fi barnoota qulqulluu aragachuun walqabate Oromiyaa keessatti furamuutti.

Akka karoora keenyaatti dame dabalataa banuudhaan barnoota Ulaagaa biiroo barnoota Oromiyaan walqabatee fi qulqulina sadarkaa addunyaa kan eegateen lammii keenya biraan gahuudhaan, barsiifnee hanqinaa fi qulqulina barnootaa jiru ni fooyyeessina. Dhaloota qubee fi Ummata keenya aangomsuu fi lammii boru biyyi teenyaaf wabii tahu uumuuf Afaan Oromoo fi Afaan Ingiliffaan barnoota Ammayyaa fi saayinsaawaa tahee teeknooloojjii dhaan deegaramuun ni kenina. Manni Barnoota Dhaloota Qubee kutaanoo dhaan hojjii baruu fi barsiisu cimsee itti fufuun dhaloota hegeree kan baratee dorgomaa tahuu fi iddoo hundaatti ofitti amanee ga’uumsaan ummataa fi biyya isaa kan tajaajilu uumuudha.

Akka dhaabbata koolleejjii fi Yuniversiitiif baratoota qopheessu tokkootti manni barnoota keenya gosa barnoota waliigalaa fi idlee kan biiroon barnoota Oromiyaa qopheeseen wal siimsifnee ni barsiifna. Daree keessati caalaatti kan irratti xiyyeefanu barataan akkamitti gaafilee garagaraa akka furu, akkamitti bilchinaan akka yaaduu fi amala gaarii naamusa barnoota wajjiin walqateen akka horatu ni goona. Manni Barnoota Dhaloota Qubee barnoota sadarkaa eegatee fi ammayyaa tahe haala barataa harkisuun, iddoo tasgabbaawaa fi nagahaan daa’immaan barnootaan itti guddataniidha.

Itti Bahiinsa Keenya/Our Missions:

Manni barnoota dhaloota qubee mana barnoota Oromiyaa keessatti isa baay’ee filatamaa nit aha. Fuldura keenya ifa goona hardha barachuu fi barsiisuudhaan boru bulchuudhaan. Nuti baratoota ilaalchaa fi muuxannoo garagaraa qabaan iddoo tokkootti waliitti finnee hawaasa barnootaan badhaadhee fi carraa barnootaatiin kan adda tahe kan barataa kamiyyuu looggii malee barnootaa fi oggummaa barsiisuun akkasuma ciminaa fi muxannoo isaanii cimsuun jireenya isaanii kan gamafulduraa fi carraa argame hunda keessaati ofitti amanamumman akka dorgomaa tahanii fi kaawaan ni goona.

Diinaagdee, siyaasa, saayinsii fi teknooloojjii addunyaa irraatti yeroo ammaa atatamaan jijjiiramaa jirtu tana keessati barnoota qulqulluu fi ammayyaa tahee furmaata waan hundaa waan taheef dhalootni qubeedhaa qe’uma ofii itti dhalataniitti barnoota argachuun fayyadamaa akka tahaan ni goona. Iddoo nagaha tahee fi deegarsa barnootaan utubameetti barnoota barnoota qulqulluu fi ammayyaa halaa ijjoollee harkisuun ni kanina. Milkaa’ina ykn injifannoof bakka guddaa kenina ykn ni kabajna, akkasuma maqaa gaarii ofitti, mana barnoota keenyaatti, ummataa fi biyyi keenyaatti ni goona.

Muldhata keenya/Our Visions:

Manni barnoota dhaloota qubee dhaaa mana barnoota of duraaf akka biyyaatiitti fakkeenya tahuu dha akkasuma mana barnoota ijjooleen Koollejjii fi Yuniversiitii garagaraaf itti qophooftuudha. Hariiroo cimaa maatii baratootaa fi Ummata keenya wajjiin uuumuudhaan ijjoolleen qaamaa fi sammuudhaan bilchaattee barnootaa fi oggummaa garagaraan akka guddatu godduudha. Barataan kamiyyuu barnoota isaattiin milkaawaa tahee naamusaa fi amala gaariin guddatee lammii bu’a qabeessaa fi itti gaafatamummaa qabu kan ofii isaa, ummaataa fi biyyi isaafis tahu ni uumna.

Qe’ee barnootaa tan nama simmattu, nagaha taate, fi barnootaaf mijjatte tan barataan kamiyyuu keessatti walqixaa akkasuma tan milkaawinni baraataa kamiyyuu keessati ayyaanneefamu uumuudha. Nuti baratoota keenya ni aangoomsiina akka isaan barnoota fudhataa, hojjiitii hiikaan, fi amna barnoota gama fulduraa keessattiis akka injifatoo tahaan. Hunda caalaa barnootni hardha isaan barataan akka fuldura kollejjii fi Yuniversiitiitti barataaniif akka bu,ura tahuu fi akka wal utubu akkasuma baratooni mana barnoota dhaloota qubeetti barataan iddoo deemaan hundaatti milkaawanii ummataa fi mana baruumsichaas maqaa gaarii akka itti godhaan abdii qabna.

Kaayyoo keenya/Our goal’s:

Kaaayyoon keenya inni bu’uraa baratoota keenya qajeelchuu fi barnootaan sooruudha. Barataan kamiyyuu barnoota qulqulluu fi ogummaa barbaachisaa tahe tan isaan, maatii isaani, ummataa fi biyyi isaanii fayyadu akkasuma addunyaa irrattis dorgomaa tana isaan taasiistu barachuu qaba.
1. Naannoo qaamaanii fi aadaadhaaniis ilaalcha gaarii fi bu’a qabeessa taate barnootaaf tan taatu mirkanneessu.
2. Ciminaan barnoota barsiisuu fi barachuu of duraatti tarkaan fachiisuu
3. Baratoota barnoota baratanii qabxii ol’aanaa fidaan heddumeessuudhaan mana barnoota dhaloota qubee mana barnoota qabxii “A” taasisuu.
4. Daa’immaan guutuu tahe guddisuu barataan kamiyyuu hayyuu, hogganaa fi miseensa hawaasa biyyaa keenyaa kan fuulduraa akka tahe hubachuudhaan.
5. Aadaa walii wajjiin tahaanii wal irraa baruu fi barnota cimsuu akkasuma naannoo jijjiiramaa fi oggumaa itti barataan uumuudha.

Falaasama Keenya/Our Philosophies:

Nuti kan amannu baratooni naannoo sirrii taheetti milkahina hedduu ni fidu akkasuma hawwii isaanii galmaan gahu. Manni barnoota dhaloota qubeedhaa daree tokko keessaatti baratoota lakkoofsaan muraasa tahan fi haala nama hawwatuun barnoota kenna. Barsiisootni huduu sadarkaa barsiisuudhaa haalaan kan guutanii fi muuxannoo baratoota wajjiin dalaguu kan qabaniidha. Nuti ni hubanna baratoonni kamiyuu barnootni ni galuuf garuu baratootni tokko tokko karaa adda taheen baratu. Nuti adeemsa sammuu hunda hammatee fi barataa hundaa barsiisuu danda’u hordofna akka baratootni hunduu baratanii akkasuma sirritti hubataniif. Maatiin, barsiisaan fi barataan walii wajjiin tahee hojjechuu qaba kunis akka baratootni kaayyoo barnootaa fi hawaassumaa keessattis injifataan.

Safuu ijoo/Core values:

1. Kakaasuu: nuti barsiisoota dandeettii adda tahe qabaan kan baratoota wajjiin dalaguudhaaf gahuumsa qabaan qaaxarra.
2. Wal-kabajuu: nuti naannoo nagahaa tahe kan walkabajuun jiraatu uumuutti amanna.
3. Walii-wajjiin dalaguu: nuti kana amannu qama dhimmi ilaalu hunda wajjiin harirroo uumuu fi cimsuun barbaachisaa akka taheedha.
4. Hayyummaa: hiikkaa cimina sammuu fi beekumsaa kan oggumaa fi muxannoo wajjiin dhufu waan gariidhaan dalaguu fi yaaduu cimsineet deegarra.
5. Baldhisanii yaaduu: walii keenya gidduutti garaa waliif laafuu, wal hammachuu fi waliif yaaduun ni eegna
6. Firii ol-aanaa tahe eeguu: barnoota ciminaa fi sadarkaan qulqulina isaa eegame cimsuun milkaa’ina bartaa fi itti fufiinsa barnootaisaanii gama fuulduraaf baay’ee gargaara.
7. Itii gaafatammummaa: nuti baratoota aangoomsuu fi kakaasuu itti amanna akka isaan gama fulduraaf of irraatti hundaawanii baratanii fi itti gaafatamuummaa barnoota isaanii harka’isaniitti galfataniif.
8. Madaalawaa: barnootaa madaalawaa kan qajeelfama biiroo barnoota Oromiyaa fi ministeera barnootaan qophaawe kennuutti ni amanna.
9. Boonsa: miraa fi hojjii nama boonsu Ummata keenyaa fi mana barnoota dhaloota qubee kessaatti ni dhaabna.

Maaliif Mana Barnoota Dhaloota Kubee Filachuun Barbaachise?

 Barnoota cimsee barsiisuu dhaaf dheboota.
 Baay’inni baratoota daree tokko kessatti baratanii baay’ee xiqoodha.
 Iddoo nagahaa, nama hammattu fi barnootni itti nama galu.
 Adeemsa barnootni barataa hundaaf itti galu hordoofna.
 Barsiisootni hundi oggummaa adda tahee fi barsiisuutiin leenji’an.
 Barnootni jabeenya qaamaa guyyarraa kennama.
 Baratootni hojjii tola ooltummaa gara garaa keessatti ni hirmaatu adeemsa barnootaa fi hawaassummaa qabsiifamee.
 Barsiisootni baratoota gosa oggummaa maal fuldura baratootni akka baratan karaarra kaahu.
 Barsiisaa, maatii fi baratootni wajjiin dalagu akka baratootni injifannoo caalaa galmeessu.

Follow us: